Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Koonfiraansiin nageenya dandii Idil Addunyaa 4ffaan Morookkoo Maaraakaashitti gaggeeffamuu eegaleera.
Mootummaan Morookkoo Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa waliin ta’uun kan qopheessu waltajjii kanarratti dureewwan biyyoota garaagaraa, baaftota imaammataa fi ogeeyyiin kan irratti hirmaatan nageenya daandii mirkaneessuuf tooftaalee garaagaraarratti kana mari’atuudha.
Konfiraansicharratti Walitti Qabaan Koree Teekinikaa Addaa Geejjibaa fi Loojistiksii Gamtaa Afrikaa Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee akkasumas, Daayrektara Tajaajila Fandii Inshuraansii fi Nageenya Daandii Obbo Jamaal Abbaasoo argamaniiru.
Koonfiraansii har’aa eegalee guyyoota sadiif turu kanarratti rakkoolee olaanoo nageenya daandii furuuf akka mari’atamu ibsameera.
Akkasumas muuxannoowwan gaggaarii waljiijjiiruu fi balaawwanii fi miidhaalee tiraafikaa hir’isuuf waliigalteewwan Idil Addunyaa ni cimsaan kan eegamu ta’uu ragaan Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia