Koreen kaadhimamtoota miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatu hojii eegale

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Koreen kaadhimamtoota miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatu har’a hojii eegaleera.

Dooktar Abiy Ahimad akkaataa heera mootummaa FDRI keeyyaata 102 fi labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsa 133/2011 keeyyata 5 muraa 1’n Koree kaadhimamtoota miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatu moggaasuun ni yaadatama.

Korichi karaa ifaa fi dorgomaa ta’een ummanni, dhaabbileen Siyaasaa fi  hawaasa Siiviilii eeruu akka kennan dhiyeesseera.

Qaamoleen eeruu dhiyeessan ibsa kaadhimamaa uunkaa qophaa’eratti guutuun Ebla 1 – 21, 2017 karaa E – Mail, WhatsApp, Telegram fi Poostaan koree filannoo kanaaf akka dhiyeessan gaafateera.

Samaloon Yitaayyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment