Korporeeshinichi appiliikeeshinii tajaajila waraqaarraa biliisaa kennu hojii eegalchiise

Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Korporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa appiliikeeshinii tajaajila waraqaarraa biliisaa kennu bulchiinsa qabeenyaafi hordoffii hojii eegalchiiseera.
Korporeeshinichi,tajaajila waraqaarraa biliisaa kennuuf, appilikeeshinii bulchiinsa qabeenyaafi hordoffii hojii, ‘Interperise Resource Planning’ (ERP) jedhamu eebbisiisuun hojii eegalchiiseera.
Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiifi Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahamaan akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Hoggoggantoonni kunneen koroporeeshinii ijaarsaa Oromiyaatti wiirtuu Garaajii Alamganaa fi Finfinneetti argamuu fi suphaawwan konkolaataa fi hojiirra oolmaa Kaayizanii daawwataniiru.
Koroporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa dabalatee, naannolee biyyattii biroo keessatti hojii ijaarsaa garaagaraa gaggeessaa jira.
Comments (0)
Add Comment