Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Fooramii Invastimantii Eeshiyaa, Arabaa fi Afrikaa Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamaa jirurratti carraalee invastimantii Zoonii Addaa Diinagdee Itiyoophiyaa beeksise.
Mootummaan dameen invastimantii abbootii qabeenyaa alaaf si’ataa, hawwataa fi filatamaa akka ta’uuf jajjabeessituuwwan imaammataa, hojiilee riifoormii diinagdee mandhalee fi zooniiwwan addaa diinagdee keessatti tajaajila foddaa tokkoo eegaluu eeraniiru.
Humni oomishaa bal’aa Itiyoophiyaan qabdu invastimantiif filatamtuu ishee taasisa jedhaniiru.
Kana malees bu’uuraaleen misoomaa zooniiwwan addaa diinagdee fi zoonii daldala walabaa keessa jiran, humni elektirikaa gahaan gatii madaalawaan invastarootaaf dhiyaachuun akkasumas naannawaa ishee carraan gabaa bal’aan jiraachuun, Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaa idil-addunyaaf filatamtuu akka taatus ibsaniiru.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen gamasaaniin, Itiyoophiyaan madaalliiwwan hedduun bakka gahumsaa invastimantii mijattuu ta’uu ishee ibsuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa