Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Kutaa magaalaa Mana Abbichuutti Piroojektoonni bu’uuraalee misoomaa 38 rakkoolee hawaasaa furuu danda’an Birrii Biiliyoona 1 oliin hojjetamaa akka jiran ibsameera.
Bara kana piroojektootni rakkoolee hawaasaa furan baajataa mootummaa Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 63, hirmaannaa Uummataa fi dhaabbilee misoomaan Biirrii miiliyoona 300n hojjetamaa jiraachuu Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Kutaa Magaalichaa Obbo Asmaraa Tashoomaa dubbataniiru.
Aanalee kutaa magaalichaa lamaa keessatti piroojektoota haaraa 37 fi kan bule 1 hojjetamaa jiran jedhan.
Piroojektootni hojjetamaa jiran kunneenis Manneen Barnootaa Bu’uura boruu jaha, Buufata Fayyaa lama, Gidduu gala gabaa, bo’oo lolaa, riqaalee, daandii cirrachaa suphuufi daandii Dhagaa Koobilii ta’uun ibsameera.
Piroojektoota bara kana hojjetamaa jiran keessaa 22 xumuramanii tajaajilaa kennuu eegaluu isaanii fi kanneen hafaniis yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramaniif hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Piroojektoota kunneen namootni 500 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumamu ragaan Kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa