Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) – Kutaaleen Hawaasaa garaagaraa tibbana eebbifamee daawwannaaf banaa kan ta’e Giddugala Koonveenshinii Idil Addunyaa Addis daawwachuu itti fufuu ibsameera.
Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootiin amantaalee, fi jiraattoonni daawwannaa kanarratti hirmaachuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Mootummaan bu’uuraalee misoomaa faayidaa hundagaleessa qaban ijaaraa jiraachuu daawwattoonni kunneen himaniiru.
Giddugalichi hawwata Tuuristii dabaluun galii biyyaa kan guddisuudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia