Lammii Kanaadaa Umrii 59’n ‘Push Up” si’a kuma 1 fi 500’ bu’uun rikaardii galmeessite

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Lammii Kanaadaa Doonaajeen Wiildee jedhamtuu kan Umrii waggaa 59 sa’aatii tokko keessatti Ispoortii ‘Push Up” si’a kuma 1 fi 500’ bu’uun rikaardii haaraa Addunyaan galmeessitetti.

Dubartii jalqabaa sa’atii tokko keessatti “Push Up” si’a kuma 1 fi 575 bu’uu galmee dinqisiisoo Addunyaarratti galmoofte ta’uun gabaafameera.

Doonaajeen Wiildee kanaan dura rikardii galmaa’ee ture daqiiqaa 17 dursuun fooyyessuu UPI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment