Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC) – Waliigaltee Dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasiifame hordofee Lammiileen Filiisxeem hedduun gara Kaaba Gaazaatti deebi’uu eegalaniiru.
Sababa waraanaan Lammiileen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aanii turan hedduun lafoo fi Geejjibaan gara Kaaba Gaazaatti imalaa jiru.
Akkaataa waliigalateen Lammiileen buqqa’an kunneen Sambata darbee eegalee gara qa’ee isaanii deebi’uun irra jiraatus sababa Hamaas Lammii Israa’el tokko gadi lakkisuu dhabeef hanga har’aatti turamuun eerameera.
Yaa ta’uutii lammii Israa’eel dubartii umrii waggaa 28 Hamaasiin ugguramtee turte kana Kamisa dhufuu eegalee Waldaa Qaxxaamura Diimaaf dabarsee kennuuf waliigalamuu hordofee lammiileen hedduun gara Gaazaa imalaa jiraachuun gabaafameera.
Abeel Niwaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia