Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa Ameerikaa bulchiinsa garagaraa jiraataan biiroowwan Niiwuyoork Taayimsii fi CNNtti argamuun hiriira nagaa gaggeessaniiru.
Lammiileen hiriira nagaa bahan kunneen dhaabbileen mootummootaa fi qaamoleen biroon proopogaandaa sobaa gareen finxaalessaa ABUT tamsaasurratti hundaa’uun Ityoophiyaarratti dhiibbaa geesisuuf yaalaa jiraachuun sirrii akka hin taane gaafataniiru.
Dhaabbileen miidiyaa akka CNN, Niiwuyoork Taayimsii fi kanneen biroo odeeffannoo qbaatamaa hin taaneerratti hundaa’uun walabummaa Ityoophiyaa kan miidhuu fi odeeffannoo dhugaa hin taane tamsaasurra akka ofqusatan gaafataniiru.
Mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa naannoo Tigiraayyitti fudhate akkasumaas deeggarsa namoomaa Tigiraayii fi bakkee birootti taasifamaa jiru akka deeggaraan ibsaniiru.
Ameerikaan waliigaltee hidha haaromsaa haqummaan akka xumurtuu fi Sudaan bulchiinsa Ityoophiyaa gadi dhiiftee akka baatu lammiileen hiriira bahan kun gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.