Liqaan Mootummaaf kenne hin jiru – Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa kanas ta’ee kana dura mootummaaf kallattiin maallaqni liqeesse tokkoyyuu kan hin jirre ta’uu beeksiseera.

Mootummaan Baankoota biyya keessarraa( sanada karaa Baankii Biyyaalessaan gurgurtaaf dhiyaataniin ala) kallattiin hojmaata liqaas ta’ee muuxannoo kan hin qabne ta’uu himeera.

Kun haala kanaan osoo jiru gabaasa raawwii hojii baatiwwan saddeettan darban Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koree dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misoomaa Mootummaaf dhiyeesserratti hundaa’uun Gaazexaan Rippoortaraa gabaasni Bitootessa 28, 2017 baase dhugaa jirurrraa kan fagaate ta’uu ibseera.

Odeeffannoo dogogoraa fi gabaasa dhiyaateen kan wal hin ginne ta’uu eereera.

Akka fakeenyaatti Mootummaan Idaa Birrii Tiriiliyoona 1 Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarraa liqeeffate qaba inni jedhu odeeffannoo dogongoraa fi gabaasicha keessatti waan hin dhiyaanne ta’uu akeekeera.

Waggoottan 15 darban liqaan % 92 dhaabbilee mootummaaf kenname yaadni jedhus yaada dogogoraa ta’uun himeera.

Gabaasni dhiyaate akka agarsiisutti baatiwwan 8 darban qofa maallaqa liqaan kenname Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 64.65 keessaa % 88 dhaabbilee dhuunfaaf kan kennamaniidha.

Liqaan dhaabbileen Misoomaa Mootummaa liqeeffatan idaa mootummaan kallattiin ofiif liqeeffate osoo hin taane Idaa dhaabbilee misoomaa garaagaraa ta’uu himeera.

Akkaataa bulchiinsa Diinagdee Gooroon mootummaan liqaa yeroo gabaabaas ta’ee yeroo dheeraa Baankota Daldalaarraa kallattiin liqeeffatu hojmaanni kan hin jirre ta’uu ibseera.

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu akkaataan Rippoortarri itti gabaase dogogora ta’uu hubachiisera.

Gabaasa dubbiftoota burjaajessee fi dhugaarraa fagaate jedheera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment