Maayicawutti balaa ibiddaa warshaa Boordii Paartikilitti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)-  Balaa ibiddaa naannoo Tigraay magaalaa Maayicawu warshaa  Boordii Paartikilitti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe.

Balaa ibiddaa ganama har’aa sa’aatii 2:30 irratti qaqqabeen qabeenyarras miidhaan gahuu ibsameera.

Balichaan namoota 6 irra miidhaan qaamaa cimaafi salphaan gahuu Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Kibba Tigraay Koomaandar Hayaaloom Maach ibsaniiru.

Balaan kun hirmaannaa namootaan to’atamuufi ka’umsi isaa qoratamaa jiraachuun ibsameera.

Comments (0)
Add Comment