Maaynaamaaritti kirkira lafaa reektar iskeelii 7.7 galmeessise mudate

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Giddugala Maaynaamaaritti  kirkira lafaa reektar iskeelii 7.7 galmeessise mudachuu hordofee balaan mudachuu dhagahame.

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota balaa Kanaan lubbuun isaanii darbee ifatti beekamuu baatus namoonni 100 ta’an du’uu akka hin oolle  ibsameera.

Balaan kun Chaayinaa, Taayilaandiifi Hinditti mudachuu kan eerame yoo ta’u, kirkira lafaa magaala guddoo Taayilaand Baankookitti mudateen gamoon ijaarsarra jiru jiguun namoota 82 irra miidhaan gahuu BBCn gabaaseera.

Mootummaan Taayilaand hojjettoota ijaarsaa gamoo jige jalaa baasuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Balaan kun daandiiwwan, riqichootaafi gamoowwan diiguu eerameera.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment