Magaalaa Jimmaa fi Naqamteetti Bitootessa 24 sababeeffachuun fiigichi guddaan gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Magaalaa Jimmaa fi Naqamteetti Bitootessa 24 sababeeffachuun fiigichi guddaan daandirraa gaggeeffameera.
Magaalaa Jimmaatti mata duree ‘Kaleessa, har’aa fi boru guddummaa Itiyoophiyaaf! figichi kiiloo meetira 5 gaggeffame.
Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalaa Jimmaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa saganticharratti argamaniiru.
Dorgomtoota 1ffaa hanga 3ffaatti ba’anif badhasni meeadaliyaa kennamera.
Akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Naqamteettis injifannoo Bitootessa 24, sababeeffachuun fiigichi guddaan daandirraa kutaalee Hawaasa garaagaraa aanaalee Godina Wallagga Bahaafi magaalaa Naqamtee hirmaachise gaggeeffameera.
Galaanaa Tasfaa fi Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment