Magaalaa Shaggar giddugala teeknooloojiifi tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Magaalaa Shaggar giddugala teeknooloojiifi tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Dooktar Tashoomaan haasawa waltajjii gamaaggama raawwii baatiiwwan salgan darbanii magaalichaa gaggeeffamaa jirurratti taasisaniin, Shaggar magaalaa ammaayyaa fayyadamummaan hawaasaa keessatti dhugoome mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Galmoota gurguddoo magaalichi qabatee hojjechaa jiru milkeessuun imala badhaadhinaa jalqabame dhugoomsuuf mariin kun shoora ol’aanaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment