Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Ji’oottan ja’an darban Oromiyaatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 9 fi 668 ijaaramee xumuramuu ibsameera.
Mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa damee barnootaaf kenneen, carraa barnootaa fi qulqullina barnootaa dhaqqabamaa ta’e babal’isuun lammiilee baratan , badhaadhina maatii fi biyyaa dhugoomsuu danda’an, horachuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannichaa Shimallis Abdiisaan gabaasaa Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniin beeksisaniiru.
Dhaabbilee barnootaa babal’isuuf baatiiwwan ja’an darban hojiilee hojjetamaniin manneen barnootaa Bu’uura Boruu kuma 3 fi 570, manneen barnoota sadarkaa 1ffaa 679 ijaaramuu kaasaniiru.
Manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 9 fi 668, dijiital paarkii aanaalee 249tti xumuramuu kaasaniiru.
Hojii sadarkaa manneen barnootaa fooyyesuu hojjetamaniin manneen barnootaa kuma 3 fi 119 hojjetamuu ibsaniiru.
Cabiinsa sirna barnootaaf bu’uura kan ta’ee rakkoo qulqullina barnootaa hiikuuf xiyyeeffannaa addaan qaama hundaa hirmaachisuun waarinaan gama hundaan hojjetamuu akka qabu akeekaniiru.
Pireezidaanti Shimallis dhaqqabummaa tajaajila fayyaa fooyyeessuu hojjetamaa turaan irratti gabaasa dhiyeessaniin, ji’ottan ja’an darbaan pirojektoonni fayyaa garaagaraa 213 xumuramuu dubbatan.
Tajaajila talaallii guddina fi dagaagina qaamaa fi sammuu daa’imman umrii 5 gadii irratti hojiiilee hojjtamaa jiruun daa’imman miiliyoona 5.8 tajaajila talaallii argachuu ibsaniiru.
Dhaabbilee fayyaa 764 keessattis wiirtuuleen sagantaa guddinaa fi dagaagina sammuu daa’immanii akka jalqabaman taasifamuu himan.
Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuufis manneen qorichaa moodeela hawaasaa 543’rraan ga’uun akka danda’me ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia