Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa, Mana Barnootaa Namoomaa Itiyoophiyaatti kan jalqabaa ta’e banuun eerame.
Sirna baniinsa mana barnootichaarratti Afyaa’ii Itti Aantuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa, bakka bu’oonni dhaabbilee miti mootummaa fi Ambaasaaddaroonni argamaniiru.
Manni Barnootaa Namoomaa damee deeggarsa namoomaan humna namaa qaroome horachuuf gahee olaanaa akka qabu Aadde Loomiin ibsaniiru.
Waldaan Qaxxamura Diima waggoota hedduuf lammiilee sababa balaa umamaa fi namtolcheen miidhamaniif deeggarsa namoomaa garaagaraa kennaa turuu yaadachiisaniiru.
Manni barnootichaas dhaloota namummaaf dursa kennu horachuu fi balaawwan sababa garaagaraan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf gumaachaa olaanaa akka qabaatu himan.
Gochaa namoomaa karaa saayinsaawaa fi qaroominaan qaqqabamaa taasisuuf kan gargaaru ta’uus Aadde Loomiin ibsaniiru.
Mootummaanis karoorri waldichaa akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.
Barreessaa Olaanaan Waldichaa Abarraa Luulasaa gama isaaniin, kaayyoon mana barumsichaa dhaloota namummaaf hoo’u horachuuf ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
Kaariikulamiin Barnootaa qophaa’ee xumuramuu fi borurraa eegalee galmeen kan geggeeffamu ta’uu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia