Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Manni Maree Federeeshinii ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedheera.
Ayyaanni du’aa ka’uu ayyaana injifannoo ta’uu eerun,Iyyesuus Kiristoos dhala namaa cubbuurraa fayyisuuf jecha murtiin cimaan itti murtaa’uu, garafamuu, lafarra harkifamuu fi fannifamuu ibseera.
Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa baatiwwan lamaan darban sooma, kadhannaa, sagataa, arjoomaa fi gochaa gaariin dabarsuuu himeera.
Ayyaanichas wayita kabajan Kiristoos hojii guddaa biyya lafaa fayyisuu gadi of deebisuun raawwachuu isaa yaadachaa, walii yaaduu, wal gaafachuu fi walgargaaruu qabachuun, waan qaban kaaniif qoduun, harka qaleeyyii fi warra deeggersa barbaadan deeggeruun fi hojii tola ooltummaan kabajuu akka qaban dhaameera.
Ayyaanichi ayyaana jaalalaa, fayyinaa, eebbaa, tokkummaa, nageenyaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawweera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!