Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Manni Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheek Gaalii Muktaar Abbaa Duraan Ayyaanni Iidaa yoo baatiin har’a baate boru, yoo baatin ba’uu baattemmoo Wiixata dhufu akka kabajamu ibsaniiru.
Hordoftoonni Amantii Islaamaa ayyaanicha jaalalaafi tokkummaan akka kabajan gaafataniiru.
Lammiilee harka qalleeyyii gargaaruufi yaadachuun waliin akka kabajan ergaa dabarsaniiru.
Ayyaanichi milkiin akka xumuramu hawaasni Musliimaa hundi qaamolee nageenyaa waliin tumsaan akka hojjetan Sheek Gaalii Muktaar Abbaa Duraan dhaamaniiru.
Mulugeetaa Girmaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia