Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC)- Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa Tiiktookiin nageenya biyyalessaaf yaaddoo ta’uun akka cufamu, yoo hintaane ammoo akka gurguramu kan gaafatu deeggarsi seeraa federalaa kennamuun gabaafame.
Manni murtichaa falmii har’a gaggeesseen qabeenya Baayitdaansi Chaayinaa kan ta’e Tiiktookiin akka cufamu deeggarsa sagalee kennuun dabarsuu Associated Press gabaaseera.
Ameerikaatti Fayyadatoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 kan qabu Tiiktookiin, odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaa Mootummaa Chaayinaaf kenna kan jedhuun akka gurguramu, yoo hintaane akka cufamu himanni irratti dhiyaateera.
Murtee har’a darbeenis Tiiktookiin Dilbata dhufurraa eegalee kan cufamu yoo ta’u, appilikeeshinicha fayyadamtoonni haaraan buufachuu kan hindandeenyee fi fayyadamtoonni duraanii ammoo kan fooyyeffame argachuu kan hindandeenye ta’uun ibsameera.
Doonaaldi Tiraampi faayidaa Tiiktookii hubachuun manni murtichaa, murtecha akka tursu gaafatanii turuu fi dhimmicha mariin furra jechuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia