Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Adeemsa Marii ajandaa adda baasuu Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru biyya bu’ura cimaa ijaaruu fi nageenya waaressuuf abdii ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Komishinichi Marii ajandaa adda baasuu Oromiyaa Mudde 07 eegalee Magaalaa Adamaatti gaggeefamaa jiru ilaalchisuun midiyaaleef ibsa kenneera.
Komishinichatti Qindeessaa Olaanaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Ambaayee Ogaatoo adeemsa marii ajandaa adda baasuu Naannoo Oromiyaa Muddee 07 bara 2017 irratti bakka bu’oonni qaamolee hawaasaa gurmaa’insa kudhaniin qoodamanii hirmaachaa turan ajandaawwan gara garaa kaasuun karaa dimookraatawaan hirmaachuu ibsaniiru.
Marii ajandaa adda baasuu bakka bu’ootni hawaasaa hirmaatan ajandaalee dhimma naannoo fi biyyaa kaasuun abbummaan mari’achaa akka turan eeruun marichi karaa hirmaachisaa fi bilisa ta’een gaggeefameera jedhan.
Maricharratti bakka bu’oonni qaamolee hawaasaa kuma 7 ol Aanaalee 356 irraa walitti babba’an hirmaachuu ibsaniiru.
Marichi boqonnaa marii itti aanuuf muuxannoowwan hedduun kan irraa argaman ta’uu eeruun bakka bu’oota marii qooda fudhootaa irratti hirmaatan 320 filatamaniiruu.
Marichi biyya bu’ura cimaa qabdu ijaaruu fi nageenya waareessuuf abdii olaanaa ta’uus ibsaniiru.
Milkaa’ina sagantichaaf qaamolee tumsa taasisan galateefataniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia