Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC)-Poolisiin Federaalaa Poolisii Chaayinaa waliin ta’uun Nageenya Hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaa eegsisuuf marii kaayyeffate geggeessaniiru.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, yaa’ichi nagaan akka xumuramuuf nageenya sagantaalee, nageenya keessummoota olaanoo, tooftaalee deebii hatattamaa kennuu fi teeknooloojiiwwan garaagaraarratti mari’ataniiru.
Marichis Yuunivarsiitii Poolisii Chaayinaa waliin muuxannoo waljijjiiruuf carraa bal’aa uumuu ibsanii, fuulduratti ogeeyyii biyyoota lameenii qindeessuun mariiwan gaggeeffaman cimanii akka itti fufan akeekaniiru.
Poolisoonni waltajjii marichaarratti hirmatanis beekumsa muuxannoo waljijjiirrarraa argatan hojiirra oolchuu fi miseensonni biroonis muuxannoo akka qoodaan kallattii kennaniiru.
Poolisiin Federaalaa Ministeera Nageenyaa Ummataa Chaayinaa waliin hariiroo poolisii fi poolisii qabu daran cimsuuf kan hojjetu ta’uu dubbachuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia