Masoob Tajaajilli Giddugala tokkoo yaadamoonni Badhaadhinaa hojiirra ooluu kan itti muul’ataniidha – Obbo Adam Faarah

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Masoob Tajaajilli Giddugala tokkoo yaadamoonni Badhaadhinaa hojiirra ooluu kan itti muul’atan ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahi ibsaniiru.

Tajaajilli Giddugala tokkoo namarratti xiyeeffate ta’uu obbo Adam Faarahi himaniiru.

Dhaabbata biyyaalessaa lammiileen hundi garaagarummaa malee walqixxummaan itti tajaajilamaniidha jedhan.

Mootummaan tajaajila saffisaa Teeknooloojiin deeggarame, si’ataa, kan sadarkaa isaa eegee guutuu fi hojjetoota leenjisuurra darbee hojimaanni itti gaafatamummaa qabu hojiirra akka oolu hojjechaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment