Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 64 olitti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumrukaa beeksise.
Hordoffii Bitootessa 12-18 2017’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii kara seeraan alaa gara biyaya keessa galuuf turan Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 50.7 baasaniifi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 13.6’tti tilmaamaman dameelee gumruukaa garaagaraatti to’atamuu Komishinichi ibseera.
Albuudoonni, uffatalee, meeshaalee elektirooniksii, buna, midhaan dheedhii, qamaa jijjiirraa konkolaattotaa, meeshaalee faayaa, Jimaa, baala sammuu nama hadoochu, Qorichaalee, Beeyladoota fi maallaqonni biyyoota garaagaraa kanneen to’ataman keessaa muraasa ta’uu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.