Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 72 olii to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 72 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa beeksise.

Hordoffii Bitootessa 18-25, 2017’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 87 oliifi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 84 olitti tilmaamaman to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kunneen albuudota garaagaraa, uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, buna, midhaan dheedhii, jijjiirraa qaama konkolaataa, meeshaalee faayaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichoota, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 8 fi konkolaattonni 7 to’atamuus komishinichi ifoomseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment