Finfinnee, Guraandhala 22, 2017 (FMC) – Meeshaaleen kontiroobandii Birrii miiliyoona 334’tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa beeksise.
Komishinichi hordoffii Guraandhala 14-24/2017’tti taasiseen, meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona 248’tti shallagamanii fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 86’tti tilmaamaman to’atamuu eereera.
Meeshaaleen to’atamanis buna, meeshaalee elektirooniksii, jijjiirraa qaama konkolaataa, uffataalee, meeshaalee miidhaginaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.
Shakkamtoonni meeshaalee koontiroobaandii kanneen daddabarsaa turan 20 fi konkolaattonni 11 to’annaa jala ooluu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia