Milkaa’inoonni dameewwan diinagdee guguddoon galmaa’an lammiileef carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru-Aadde Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Milkaa’inoonni dameewwan diinagdee guguddoon galmaa’an lammiileef carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsan.

Gamaaggamni raawwii karooraa hojii baatiwwan salgan darbanii Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsa kennaniin, carraan hojii sochii diinagadee waliin walitti hidhamiinsa qabaachuu ibsuun, baatiiwwan saglan darban dameelee hundaan milkaa’inoonni galmaa’an carraa hojii uumuuf gumaacha qabaachuu ibsaniiru.

Dameewwan Qonnaa, Indaastirii ,Tuurizimii, Albuudaa fi damee Diingadee diijitaalaan milkaa’inni hiika qabu galmaa’uu dubbataniiru.

Waggoottan torban darban rakkoolee turan gara carraatti jijjiiruun bu’aan fageenya dheeraa imalu danda’u argamuu kaasaniiru.

Bara baajatichaatti lammiilee miiliyoona 4 fi kuma 900 ‘f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan saglan darban lammiilee miiliyoona 3 fi kuma 400 oliif carraan hojii dhaabbiin uumamuu eeraniiru.

Carraa hojii bobbii alaan hojmaata si’ataa, seera qabeessaa fi ammayyaa diriirsuun lammiilee kuma 300 fi kuma 44 oliif carraan hojii uumamuus ibsaniiru.

Leenjiin koodaroota miiliyoona 5 jedhuun lammiileen hedduu dandeetti diijitaalaa isaanii gabbiiffachuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen Itiyoophiyaa kumni 45 dhaabbiilee alaarraa ajaja fudhachuun hojii fageenyaan fayyadamoo ta’uus kaasaniiru.

Adeemsa carraa hojii uumuuf bakka hojii, faayinaansii, deeggarsa ogummaa fi hordoffii barbaachiisu itti fufiinsaan taasisuun fayyadamummaa lammiilee guddisuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Mufaariyat eeruu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment