Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Ministirri Maallaqaa Ahimad Shiidee walga’ii Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa cinatti, Daayrektara olaanaa Fandii Misooma Sa’uudi Arabiyaa Sulxaan Abdulrahmaan Al-Marshaad waliin marii bu’aa qabeessa mari’achuu ibsameera.
Dhimma fooyya’iinsa dinagdee gooroo Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiruu fi Itiyoophiyaatti misoomaa dursi kennameefi hojjetamaa jirurratti xiyyeeffachuun eerameera.
Obbo Ahimad Shiideen hojiilee dameewwan bu’uuraalee misoomaa, Inarjii, Geejjibaa, Invastimantii, oomishtummaa guddisuu, qonna, Tuuriziimii fi albuund hojjetamaa jiran ilaalchisee jilichaaf ibsa taasiisaniiru.
Daayrektarri olaanaan Fandii Misooma Sa’uudii Arabiyaa Sulxaan Abdulrahmaan Al-Marshaad gamasaaniin, fooyyessa imaammata Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu dinqisiifataniiru.
Deeggarsa barbaachisu kennuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.