Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gahee obbo Geetaachoo Raddaan bahataniif galateeffatan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gahee obbo Geetaachoo Raddaan waggoottan lamaan darban Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun bahataniif galateeffataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa Afaan Tigreen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, obbo Geetaachoo Raddaan bu’uura Heera mootummaa FDRI  keeyyata 62 (9), labsii 359/1995 keeyatta 15(3) fi danbii lakkoofsa 533/2015 akkasumas waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan waggoottan 2 darbaniif  Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun gahee isaanii waan bahataniif akka galateeffatan ibsaniiru.

Keessumaa nageenyi argame akka mirkanaa’uuf gahee hoggansaa bahataniif mootummaan federaalaa beekkamtii kan kennuuf ta’uu eeraniiru.

Hojiilee fuulduraarrattis walitti dhiyeenyaan akka hojjetan ibsuun, turtii isaaniif galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment