Finfinnee, Mudde 9, 2017 (FMC) –Waliigaltee Nageenyaa hordofee miseensonni Waraanaa Bilisummaa Oromoo waamicha nageenyaa fudhachuun galuu itti fufaniiru.
Haaluma kanaan Godina Wallagga Bahaa Aanaalee Gobbuu Saayyoo ,Giddaa Ayyaanaa, Ebantuu fi Gudayyaa Biilaa keessaa socho’aa turan galuun ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagami fi Warra Jaarsooti miseensonni kunneen galaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.