Finfinnee, Eebila 1, 2017(FMC)- Mootummaan indaastiriiwwan oomisha alaa galan biyya keessatti oomishaniif deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabel ibsan.
Obbo Malaakuun sochii hojii warshaa ‘Saabiyaan Beez Meetaal Injinariing’ jedhamuu kan daawwatan yoo ta’u indaastiriiwwan oomishaa, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Warshaan kunis lakkooftuu bishaanii Kanaan dura alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.