Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota kalaqaafi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota kalaqaafi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Gama kanaan waldaaleen IMXfi dhaabbileen Pooliiteekinikaa hojii bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuun eerameera.

Waldorgommiin ogummaa, teeknoloojii, yaadama biizinesiifi qorannoo gochaa marsaa 6ffaan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Waldorgommiifi agarsiifni kunis guyyoota afuriif kan turu ta’uus ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment