Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaaziz Daawud ibsan.

Raawwiin hojii ariitii, baay’inaa fi qulqullinaan hojjechuun madaalama jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kan bara 2017 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti qorachaa jira.

Gamaaggamichaan ciminaaleefi muuxannoo gaggaarii hojii keessatti argaman caalmaatti itti fufsiisuun hanqinaaleef rakkoo hojii keessatti mul’atan maksuun kallattiin gara fuulduraa karoora xiiqii qabame milkeessu ni kaa’ama jedhamee eegama.

Ariitii, baay’inaafi qulqullinaan hojjechuun galma barbaadame bira ga’uufi ga’uu dhiisuun kan ittiin madaalamu ta’uu Dooktar Abdullaaziz Daawud raawwii hojii paartiifi mootummaa Naannoo Oromiyaa qoratamaa jiru illaalchisee ibsan kennaniin himaniiru.

Hojiin Magaalaafi baadiyyaatti hojjetamaa ture abdachiisaa ta’uu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Caasaa Gandaa bifa haaraan gurmeessuun hojii hojjetamaa tureenis fooyya’iinsi gaariin argamuu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment