Mootummaan Olaantummaa Seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaattii Opireeshinii Qindaa’aa ABO Shanee irratti taasifameen miseensa garichaa araara mootummaan taasise fudhachuu diduun bosona filatee hawaasa dararaa jiran irratti tarkaanffii fudhatameen miseensi garichaa 61 hidhannoo wajjiin booji’amaniiru.

Obbo Awwaluun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya hawaasaa mirkaneessuuf xiiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himanii, miseensonni shanee oromoof qabsa’a jedhu ummata oromoo qe’eef qabeenya isaa irraa buqqisaa oromoo bakka hin bu’uu jedhan.

Waamicha mootummaan Naannoo oromiyaa taasiise fudhatanii karaa nagaa kan galan waliin mootummaan hojjechaa jiraachuu eeruun, Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu himuu ragaan kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul’isa.

Bulchaan Godina shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataan gamasaaniin, nageenya godinichaa mirkaneessuun hawaasni nagaan hojii misoomaa akka hojjetuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment