Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna makaanaayizeeshii milkeessuuf yeroo kamiyyuu caalaatti kutannoon kan hojjetu ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Galma qonna ‘mekaanaayizi’ gochuuf qabate milkeessuuf hanqinoota dandeettii dhaabbilee, dhiyeessitoota maashinii, bu’uuraalee misoomaafi naannawa dandeessisoo waliin walqabatan furuuf ijaarsa dandeettifi dhaabbilee cimsuu, sirnaakkoo maashinoota qonnaa cimaa ijaaruu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, sagantaalee eksiteenshiniifi hubannoo, hammattoowwan faayinaansifi to’annoo irratti yeroo kamuu caalaa kan hojjatu ta’uu eeraniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Mootummaan Jijjiiramaa keenya sektaroota bu’uura galma badhaadhinaa ta’an adda baase keessaa qonni adda dureedha. Haata’u malee, dandeettiin qonni keenya fedhii dabalaa jiru guutuufi bu’uura galmoota badhaadhinaa ta’ee tajaajiluuf qabu kan daanga’e ture. Haala baramaa kana hundeerraa jijjiiruuf, bariituu jijjiiramaa xiyyeeffannoon addaa imaammataafi tarsiimoon bocamee badhaadhina waliin imalli tokko jedhee eegale.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa toorawwan qabiyyee (thematic areas) qonna naannichaa ceesisuuf oolan sagal (9) adda baasee raawwachaa jiru keessaa tokko mekaanaayizeeshinii qonnaati. Imala mekaanaayizeeshinii kana milkeessuf, mootummaan seera taarifa al-galchii tiraaktaraafi maashinoota qonnaa akka jijjiiramu, dhaabbileen tiraaktara galchaniifi warsheessan (assemble) akka hundeeffaman akkasumas, sirna faayinaansii dhiyeessii liqii mijataa umuu tolchuuf hojjataa tureera.
Gama kanaan imalli Warraaqsa Dinagdee Oromiyaa eegalee sadarkaa kana akka gahu yaada kan maddisiisan, Hogganaa Jijjiiramaa, Looreeta Nagaa Addunyaafi Ministeera Muummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD) maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummata Oromootiin heddu galateeffachuun barbaada.
Warraaqsi dinagdee Oromiyaa utubaalee afur irratti kan bu’uureffameedha:- 1). mootummaa dinagdee hoogganu ijaaruu, 2). seeera, imaammata, tarsiimoofi hojimaata sochii dinagdee keenya sakaalan sirreessuu, 3). ummaata daangadhaa hanga daangatti sochoosun dinagdee keessa galchuu, 4). dhaabbileefi warshaalee adeemsa kana si’oomsan hundeessu kan jedhanidha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa maashinoota haala qabatamaa qotee bultoota xixiqqaafi giddugaleessaaf mijatan kunneen beeksisuun qonnaan bultoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira.
Bifuma walfakkaatun, gahumsa omishaa guddisuufi qulqullina omisha qonnaa fooyyessuun galmoota omisha dabaluufi qulqullina fedhii gabaa guutuu mirkaneessuu irratti argama.
Mekaanaayizeeshiniin keenya humna namaa maashiniidhaan bakka buusuu qofa miti. Cancala sonaa guutuu (the entire value chain) irratti hojjachuun gahumsaafi bu’a qabeessummaa hojii qonnaa tarsiimoodhaan kan hoogganuudha.
Mekaanaayizeeshiniin gaaffii murteessoo oomishtummaa humna namaa dabaluu kallattiin kan deebisuudha. Ta’us, bu’a qabeessummaa qonnaa guddisuu qofaan jijjiirama bu’uuraa fiduu hindandeenyu. Kanaaf, mekaanaayizeeshinii qonnaa babaldhisuun, matii qotee bulaa keessaa gariin dameewwan dinagdee murteessoo biroo irratti akka bobba’an taasisuun, damdaneessummaafi guddina dinagdee keenyaa mirkaneessuu qabna.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, galma qonna keenya mekaanaayizi gochuuf qabate milkeessuf hanqinoota dandeettii dhaabbilee, dhiyeessitoota maashinii, bu’uuraalee misoomaafi naannawa dandeessisoo waliin walqabatan furuuf ijaarsa dandeettifi dhaabbilee cimsuu, sirnaakkoo maashinoota qonnaa cimaa ijaaruu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, sagantaalee eksiteenshiniifi hubannoo, hammattoowwan faayinaansifi to’annoo irratti yeroo kamuu caalaa kan hojjatu ta’a. Egereen isaas, invastimantii meeshaaleefi teknoolojii sirrii irratti har’a nuti taasisnuun kan murtaa’udha.
Qoteefi horsiisee bulaan keenya qixa barbaadamuun itti himnee wanti inni hinmilkeessin hinjiru. Amma qusatee maashinoota bitachaa jira. Kanaaf galmi qabame yoo hinmilkoomin rakkoon kan hoggansaa malee kan ummata keenyaa akka hin taane beekamuu qaba.
Akka waliigalaatti, Mekaanaayizeeshiniin qonnaa keenya inisheetivii qeenxee osoo hintaane, qaama tarsiimoo jijjiirama qonnaa waliigalaa Oromiyaati. Tarkaanfiin kunis, fedhii ummata keenyaafi bal’ina Naannoo Oromiyaatiin yoo ilaallee sochii agarsiiftuu galma badhaadhinaa dhugoomsuuf eegalame malee, galma gahiinsa miti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, harka-galfannaa qonnaa xiyyeeffannoo qaban hojiirra oolchuudhaan, akkasumas walta’iinsaa mootummaa, damee dhuunfaa, dhaabbilee qorannoofi qotee bultoota hirmaachisu horachuudhaan, guddina oomishtummaa qonnaa, jireenya fooyya’aafi damee qonnaa badhaadhaa kan milkeessu ta’uu ibsaa, dhumarrattis milkaa’ina kanaaf qaamonni gahee keessan bahattan hundaa maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada.