Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Muuxannoo al-ergii Veetnaam fudhachuun dandeettii al-ergii keenya guddisuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, diinagdeen Itiyoophiyaa dadammaqaa jiraachuu ibsuun, itti fufiinsa akka godhatuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Veetnaamitti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran Dooktar Abiy Ahimad, biyyattiin biyyoota eeshiyaa al-ergiin isaanii dadammaqaa jiru keessaa sadarkaa duraarratti kan eeramtu ta’uu kaasaniiru.
Biyyattiin waggaatti daldala al-ergiirraa galii doolaara biiliyoona hedduu akka argattu kaasuun, muuxannoo al-ergii ishee fudhachuun, wantoota nu hanqatan guutuufi fakkeenya isaanii hordofuun dandeettii al-ergii keenya guddisuun barbaachisaadha jedhan.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhaabbata oomisha anniisaa soolaaraa Tooyoo jedhamus kan daawwatan yoo ta’u dhabbatichi paaneeliiwwan soolaarii oomishuun biyyoota garaagaraatti kan ergu ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan imaammata annisaa haaromfamaa kan hordoftu ta’uu ibsanii, anniisaan haaromfamaa kun yoo babal’ifamuu baate fedhii inarjii keenya guutuu hin dandeenyu, fedhii kana hin guunnu taanaan ammoo sirni daldalaa si’ataan hin uumamu jedhaniiru.
Dhaabbanni kun gara Itiyoophiyaatti affeeramuu yaadachiisuun, kaayyoon dhaabbaticha daawwataniifis dhaabbatichi warshaa guddaa paaneeliiwwan soolaaraa oomishu Itiyoophiyaatti akka ijaaruuf, inni biraan ammoo anniisaa soolaaraa Itiyoophiyaatti akka oomishuuf ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbatichi invastimantiin Itiyoophiyaatti yoo bobba’e faayidaa guddaa qabaachuu kaasuun, ce’umsa beekumsaafis gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu qindeesse.
#Oromia #Ethiopia