Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Naannoo Afaar Godina Kiilbatii aanaa Daaloolitti Kirkirri Lafaa Reektar Iskeelii 5.3 galmaa’e mudachuu Yuuniversiitiin Finfinnee beeksise.
Kirkirri lafaa kun Magaalaa Adookuuwaa irraa kallattii Kibbaan fageenya Kiiloo Meetira 5 irratti mudachuu Yuuniversiitii Finfinneetti Barsiisan Ji’oofiiziksii, Saayinsii Hawaafi Astiroonoomii Dooktar Eeliyaas Leewwiin Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Kirkirri lafaa mudate kun manneen jireenyaa fi bu’uuraalee misoomarra miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Hawaasni of eegannoo barbaachisu akka taasisan Dooktar Eeliyaas hubachiisaniiru.
Malakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa