Naannoo Gaambeellaatti Misoomni Koriidarii eegale

Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Aadde Alamituu Umoodun bulchiinsa magaalaa Gaambeellaatti hojii Misooma Koriidarii eegalchiisaniiru.

Haaluma kanaan ijaarsi daandiileen 4 kiloomeetira 14 uwwisan kan eegalaman ta’uun ibsameera.

Daandiiwwan kunneen Misooma Magariisaa, daandiiwwan lafoo, bakka bashananaa fi bakka Ispoortii kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment