Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 ( FMC) – Naannoo Oromiyaatti sosochii busaa balleessuu gaggeeffameen tatamsa’inni dhibichaa hir’achuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabaaw ibsaniiru.
Naannichatti kanaan dura torbanitti namoonni kumni 100 fi kumni 60 ol dhibichaan qabamaa turuu ibsuun, Amma garuu hojii ittisaa hojjetameen baay’inni namoota dhibichaan qabamanii gara kuma 60tti hir’achuu kaasaniiru..
Haaluma walfakkaatuun Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaattis hojii hojjetameen tatamsa’inni dhibichaa hir’achuu Daayrikteerri Misooma Fayyaa fi Ittisa Dhibeewwanii Biiroo Fayyaa Naannichaa Dooktar Indaalee Saahilee dubbataniiru.
Tatamsa’inni dhibichaa naannichatti % 78 gadi bu’uu ibsaniiru.
Hojiin tatamsa’ina dhibicha ittisuu fi guutuumman guutuutti dhabamsisuu cime kan itti fufu ta’uu hoggantoonni naannoolee lameenii himaniiru.
Zufaan Kaasaahuntu gabaase.