Naannoon Kibbaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 990’f dhiifama taasise

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Naannoon Kibbaa Itiyoophiyaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 990’f dhiifama taasiseera.

Namoota ulaagaa dhiifamaa guutaan 990’f dhiifamni godhamuu Pireezidaantiin naannichaa obbo Xilahuun Kabbadaan ibsaniiru.

Sirreeffamtoota seeraa turtii mana amala sirreessaa keessatti namuusa gaarii agarsiisanii fi ulaagaa dhiifamaa guutuu isaanii boordii dhiifamaan mirkanaa’ee dhiyaateef dhiifamni godhamuu himaniiru.

Kanneen keessaa 985 dhiifama guutuun mana amala sirreessaarraa kan gadi lakkifaman yoo ta’u, 5 ammoo yeroon adabbii isaanii hir’ifamuufii eeraniiru.

Namoota dhiifamni taasiifameef keessaa 73 dubartoota ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment