Naayijeeriyaatti Bootteen boba’aa garagaluun dhohiinsa mudateen lubbuun namoota 77 darbe

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC) – Naayijeeriyaatti Botteen boba’aa fe’ee ture garagaluu hordofee, namoonni boba’aa waraabbachuuf fiigaa turan 77 du’an.

Naayijeeriyaa Bulchiinsa Niijeritti balaan konkolaataa mudachuu hordofee taankara boba’aatti ibiddi qabachuu isaan namoonni boba’aa waraabbachuuf fiigaa turan 77 du’uu aanga’oonni biyyattii beeksiisaniiru.

Namoota 25 kan ta’an irra ammoo miidhaan qaamaa gahuu qondaaltonni himuu BBCn gabaaseera.

Naayijeeriyaatti baatiwwan darban keessa taateewwan walfakkaatan hedduun mudateera.

Torban lama dura, naannoo boba’aan badhaate Deeltaatti balaa dhohiinsaa konkolaataa boba’aa fe’ee ture irratti mudateen yoo xiqqaate namoonni 5 kan du’an yoo ta’u, baatii Onkololeessaa keessas balaadhuma walfakkaatuun yoo xiqqaate namoonni 153 du’anii turan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment