Namaa fi Roobootii gidduuttii dorgommiin walakkaa maaraatoonii gaggeeffamuuf

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)-Dorgommii Walakaa maaraatoonii dhiyeenyatti biyya Chaayinaa Magaalaa Beejingitti dorgomamuuf jiru irratti namoonni Roobootii “Humanoroid” waliin dorgomuuf akka jiran gabaafame.

Magaalaa Beejingitti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman roobootiiwwan dhaabbileen Roobootii oomishan bebbeekamoon qophaa’an waliin kan irratti hirmaatan dorgommii walakkaa Maaraatoonii qopheessuuf akka ta’e eerameera.

Baatii Eblaa dhufu irraa eegalee Naannoon Misooma Diingdee Teeknooloojii Beejingi (E-Town) dhalli namaa fi roobootiiwwan namatti fakkeeffamanii hojjetaman waliin fiiguun bashannanuuf jiru.

“Tesla”, “Boston Dynamics” fi “1X” dabalatee Roobootiiwwan miila lamaa Dhaabbileen Roobootii qopheessan kan itti hirmaatan dorgommii kana irratti, namoonni kumni 12 ni dorgomu jedhamee eegama.

Kunis seenaa keessatti taatee jalqabaati akka ta’u eerameera.
Roobootiiwwan achitti hirmaatan akka miira namaa hawwataniif dheerina meetira walakkaa irraa hanga meetira lamaa kan qaban ta’ee, dandeettii miila lamaan fiiguu qabaatu jedhameera.

Roobootiis ta’e namni mo’ate sadarkaama dorgommicha xumuraniin badhaasa maallaqaa akka argatan himamuu “Oddity Central” gabaaseera.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment