Odeeffannoo gurmaa’een uwwisa qaqqabummaa idil addunyaa babal’isuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC)) – Hojii gaggeessaa olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon marii hoggantoota miidiyaa biyyoota adda addaa hirmaachisee fi Muummee idil addunyaa koree giddu galeessaa Paartii Koominiistii Chaayinaatiin qophaa’e irratti hirmaatan.

Marii kanarratti dubbii dubbataniinis bara odeeffannoon yaada bocuu fi dhiibbaa uumu keessatti miidiyaan itti gaafatamummaa guddaa qaba jedhaniiru.

Miidiyaaleen hawaasa gidduutti riqicha ta’uun tajaajiluu, gabaasa sirrii ta’e dhiyeessuu, waljijjiirraa aadaa guddisuu, marii idil-addunyaa badhaadhessuu akka qaban dubbataniiru.

Miidiyaan hubannoo bocuu, jijjiirama kakaasuu, hawaasa adda addaa gidduutti hubannoo gadi fagoo uumuuf humna akka qabus ibsaniiru.

Mariin seeminaara kanarratti mari’atamu muuxannoowwan gaggaarii kan qoratu yoo ta’u, qormaataa fi walxaxiinsa miidiyaalee ammayyaa keessa darbuuf furmaata haaraa kan dhiyeessu ta’uun isaa hin shakkisiisus jedhan.

Yaada wal jijjiiruu fi wal irraa barachuun amanamummaa, iftoominaa fi tumsa eegsisuuf kutannoo qabanis ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo bara dheeraa fi roga hedduu qabu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Walta’iinsi keenya aadaa, daldala, invastimantii, bu’uuraalee misoomaa, barnootafi teeknooloojii dabalatee dameewwan ijoo kan hammatedha jedhan.

Qajeeltoowwan gaazexeessummaa itti gaafatamummaa qabu fudhachuu fi qabiyyee qulqullina olaanaa qabu dhiyeessuudhaan hordoftoota ga’umsaan tajaajiluuf kutannoo qabaachuu cimsanii hubachiisaniiru.

Hawaasa idil addunyaa odeeffannoo qabu bocuu keessatti ga’ee keenya guddisuuf hubannoo fi ilaalcha asitti arganne guutummaatti itti fayyadamnas jedhan.

Simannaa fi waljijjiirraa beekumsaa mootummaa Chaayinaaf galata guddaa qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment