Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Opireeshinii qindaa’aa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen gochaaleen yakkaa hir’achaa jiraachuun ibsameera.
Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Magaalaa Finfinnee haala waliigalaa nageenya magaalichaa gamaaggameera.
Opireeshinii kutaalee magaalichaa hunda keessatti gaggeeffameen daddabarsa namootaa seeraan alaa, daddabarsa maallaqaa, Moobaayilaa fi Koompiwutaroota garaagaraa hatamaniifi qabeenyi biroo hataman shakkamtoota waliin to’annaa jala oolfamuun ibsame.
Dabalataanis, teeknooloojii fayyadamuun moobaayilli hatame akka hin argamne taasisuu, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa saamichi itti raawwatamuu fi baalli sammuu namaa hadoochuu garaagaraa to’annaa jala oolfamuu ragaan Poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.