Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan saddettan darban galiin Birrii biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 25 sassaabamuu Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa beeksise.
Bara baajatichaatti Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 5 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan biirichaa obbo Ramadaan Waariyoon ibsaniiru.
Baatiiwwan saddettan darban qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun galiin Birrii biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 25 walitti qabamuu himan.
Galiin walitti qabame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 2 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.
Daldaaltonni nagahee malee bittaa gurgurtaa raawwatan, galii miliqsaniifi sababa malee daballii gatii taasisan jiraachuu hordoffiin mirkanaa’uu TOI’tti himaniiru.
Tarkaanfiiwwan garaagaraa kuma 12 ol fudhachuun Birrii biiliyoona 1 ol motummaaf galii taasifamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia