Oromiyaatti baatiiwwan ja’atti galiin Birrii biliyoona 94 ol walitti qabame

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan ja’an darban galiin Birrii Biliyoona 94 ol walitti qabamuun ibsame.

Ji’oottan jahan darban humna sassaabbii galii naannichaa cimsuuf tarkaanfilee haaraa hojiirra oolchuu, hojimaata iftoomina qabu diriirsuu, hubannoo kaffaltoota gibiraa cimsuun hojiilee hojjetamaniin, galii idilee Birrii biliyoona 64 ol, galii mana qopheessaa Birrii biliyoona 18 olii fi galii keessaa Birrii biiliyoona 10 ol, waliigalaan galii Birrii biliyoona 94.13 walitti qabameera.

Galiin sassaabame kun yeroo walfakkaataa bara darbeen yoo walbira qabamu Birrii biliyoona 36.93 caalmaa qabu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan gabaasaa Caffeef dhiyeessaniin ibsaniiru.

Baayiluu Baanee fi Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment