Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii Pooliyoo daa’imman Umrii waggaa shanii gadiif Sadarkaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Moojootti kennamuu eegaleera.
Saganticharratti Hoggaanaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kabbabaaw, Abbootiin Gadaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Duullichaan guutuu Oromiyaatti daa’imman umurii waggaa 5 gadii miiliyoona 8. 3’f kan kennamu ta’uu Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Darajjee Abddanaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Duulichi har’arraa eegale hanga Guraandhala 17,2017 tti kan kennamuu ta’us himaniiru.
Talaallichi manaa manaatti, wiirtuuwwan talaallii dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi bakkewwan garaagaraatti kennama jedhameera.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia