Oromiyaatti qonna bara kanaaf xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 ol yuuniyeenotaafi waldaaleeff raabsame

Finfinnee, Ebla 17, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18’f xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 500 yuuniyeenotaafi waldaalee bira gahuun ibsameera.

Naannichatti xaa’oon akkaataa karoorfameen dhiyaachaa jiraachuu Itti aantuun Hogganaa Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Hinseenee Muhaammad ibsaniiru.

Bara kana xaa’oon yeroon waan gaheef akkaataa karoora qabameen raabsamaa jiraachuu eeruun, xaa’oon bara kana dhiyaate kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu kuntaala miiliyoona 2 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Bara oomishaa 2017/18’f xaa’oo kuntaala miiliyoona 10 fi kuma 500 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 500 yuuniyeenotaafi waldaalee bira gahuu eeraniiru.

Xaa’oo yuuniyeenotaafi waldaalee qaqqabe keessaa kumni 800 qonnaan bulaaf raabsamuu dubbataniiru.

Iddoowwan qonni gannaa dursee eegaluuf dursa kennuun raabsiin xaa’oo raawwatamaa akka jiru kaasanii, raawwii isaa fooyyessuuf yeroo yeroon gamaaggamni gaggeeffamaa jira jedhan.

Xaa’oo dhiyaate guutummaan guutuutti qonnaan bulaa qaqqabsiisuuf deeggarsi qaamolee qooda fudhattootaa cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Adeemsi gurgurtaas karaa diijitaalaan raawwatamaa jiraachuu eeruun, kunis raabsi xaa’oo seeraan alaa ittisuuf gargaaraa akka jiru ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment