Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa sadarkaa naannootti kennamu baatii Caamsaa fi Waxabajjiitti walduraa duubaan kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Qormaanni kutaa 6ffaa caamsaa 26-27,2017 kan kennamu yoo ta’uu, kutaa 8ffaan immoo waxabajjii 3-5, 2017 kan keennamu ta’uun ibsameera.
Biirichi Barsisonniifi maatiin deeggarsa barbaachisu akka kennan waamicha dhiyeessuu ragaan BBO irra argame ni mul’isa.