Oromiyaatti sosochiin Hidha Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaaf Birrii miiliyoona 500 walitti qabu gaggeeffamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Sosochiin Hidha Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaaf Birrii miiliyoona 500 walitti qabuuf kayyeeffate gaggeeffamaa jiraachuun ibsame

Hidhi Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa ashaaraa dhaloota har’aa fi mindaa dhaloota egeree mallattoo injifannoo uummattoota Itiyoophiyaa ta’e xumuruuf sosochiin bittaa boondii geggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan  guyyaa har’aa Koochoon Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Magaalaa Adaamaattii sosochii jalqabsiisa bittaa boondii geggeessuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

 

 

.

 

Comments (0)
Add Comment