Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa milkaa’inoota Itiyoophiyaa hirkatummaarraa oolchuun gara birmadummaa guutuutti ceesisan hedduu galmeesseera jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraahiin milkaa’inoota waggoottan darban argamanii fi kallattii gara fuulduraa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Gaaffileen siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee ummanni kaasaa ture jijjiiramichi akka dhufu sababa ta’uu himaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaan durfamu rakkoolee seenaa fi waayitaawaa Itiyoophiyaa adda baasuun furmaata waaraa kennuuf qorannoo gahaa taasisuun gara hojiitti galuu kaasaniiru.
Keesattuu dirreen siyaasaa hirmaachisaa ta’e akka uumamu Paartiin Badhaadhinaa adda durummaan hojiilee fakkeenya ta’an hojjechuu eeraniiru.
Akka fakkeenyaatti paartichi filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa sagalee caalmaan injifachuun mootummaa hundeessuu mirga heera mootummaa qabaatus Paartiilee mormitootaa garaagaraa keessaa sadarkaa hoggansaa adda addaatti akka hojjetan hirmaachisuu kaasaniiru.
Kunis sirna siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan uume akka ta’e Obbo Adam Faaraah himaniiru.
Itiyoopjiyaan Paartii Badhaadhinaan durfamuun waggoota muraasa keessatti dhaabbilee Diimookiraasii cimsuu, misooma hawaasumma dagaagsuu, biyyoota ollaaf dursa kennuun dippiloomaasii tumsa waloorratti hundaa’e hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessuu dubbataniiru.
Kadhaa fi hirkatummaarraa bahuun birmadummaa biyyaaleessaa guutuu mirkaneessuuf hojiileen misooma diinagdeen hojjetaman jajjabeessaa ta’uu himan.
Paartiin Badhaadhinaa guddina hawwasummaa, sirna siyaasaa tasgabbaa’aa,rakkoolee jiran karaa nagaan furuuf dursa kennee hojjetaa jiraachuu eeruu TOI gabaasera.
#Oromia #Ityoophiyaa